Waa'ee Akkaadaamii YoursTech
Akkaadaamiin YoursTech waltajjii barnoota teeknolojii ergama irratti hundaa'ee gama teeknolojiin hawaasa isaa cimsuuf kan hundeeffame yoo tahu, dargaggoota etoophiyaa hojii uumtota mul'ata addunyaa fi hundee biyya keessaa cimaa qabaniin kan hundeeffameedha. Akka qaama YoursTech Company tti, dargaggootaa fi hawaasa tajaajila hin arganne humneessuu irraa eegalee, qaawwa dijitaalaa guutuu Afrikaa fi Baha Giddugaleessaa keessatti riqicha gochuuf kaayyeffanne.
ammatti barnoota teeknolojii afaan dhalootaa afaan oromoon kan qophaa'e yoo tahu, fuulduratti afaanota biraatti babal'isuun sabaafi sablammiin etoophiyaa guutuun akka afaan isaaniitiin barnoota teeknolojii baratanii addunyaa birootiin walitti bahan gochuudha. Ergamni keenya barnoota dhaqqabamaa, qulqullina olaanaa fi qabatamaa barattoonni ogummaawwan addunyaa dhugaa kanneen akka:
Bu'uuraalee Kompitaraa(Computer Basics) Afaan Ingilizii Fakkii fi Ijaarsa Suuraa (Graphic Design) Gurmeessuu fi Qindoomina Viidiyoo Dijitaala Maarketingii Ijaarsa Marsariitii(Web Development) Ijaarsa App Bilbila(Mobile App Development) Ogummaa Artificial Intelligence(AI)Barataa, ogeessa, ykn abbootii qabeenyaa boruus yoo taate, YoursTech Academy meeshaalee addunyaa dijitaalaa keessatti guddachuu fi milkaa’uuf si barbaachisan siif kenna — namni kamuu koopmitaras qabaachuu baatuu Mobaayilaan baratuu dandaha.

Mul’ata Keenya
Ityoophiyaanotaa fi hawaasa guutuu Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa beekumsa dijitaalaatiin humneessuu fi dhaloota teeknooloojii fi kalaqaan egeree ofii bocu ijaaruu.
Ergama Keenya
Barattoota Oromiyaa, Itoophiyaa, fi achiin ala jiran barnoota teeknooloojii qabatamaa, qulqullina olaanaa qabu afaan isaaniitiin hidhachiisuuf kaayyeffanne. Galmi keenya ogummaa addunyaa dhugaatiin carraa fooyya’aa fi hawaasa dijitaalaa of danda’e uumuudha.
Filannoo Keessan Maaliif taana?
- 🌐 Koorsii teeknolojii Afaan Oromootiin barattu; Afaanota Itoophiyaa biroo yeroo dhiyootti dhufaa jiru.
- 📱 Bilbiluma harkaa qabduun barachuu dandeessa.
- 💼 Ogummaa qabatamaan hojii irratti hundaa'e laanna
- 🤝 Hawaasa irratti kan xiyyeeffate — hawaasa barsiisaa, guddisaa fi milkaa'naaf qopheessaa deemna.
