Technology Guest Author August 15, 2025 7 min read
Weebsaayitii Ammayyaa hojjachuu:Qajeelfama namoota reef jalqabaniif

Seensa Web Development

weebsaayitiin fuula hin jijjiiramne irraa gara appi weebii baay'ee guddaa tahetti jijjiiramuun,siistamoota hedduu wal-qunnamsiisutti guddateera. weebsaayitiin tokko maal maal uf keessaa qaba? yokin akkamitti hojjatama kan jedhu irraa haa kaanu:

Frontend – frontend jechuun weebsaayitii irratti Waan Fayyadamtoonni Argan

Fuulduraan waan fayyadamtoonni waliin walqunnaman, kan ijaaru jechuudha, fakkeenyaaf fuulli weebsaayitii amma sitti mula'ataa jiru kuni frontend(fuulduree) weebsaayitaati, inni kunis wantoota armaan gadii irraa ijaarame:

  1. HTML (HyperText Markup Language): kuni caasaa weebsaayitaa ijaara.
  2. CSS (Cascading Style Sheets): kuni aammoo diizaayinaa fi bifa weebsaayitaaf kenna.
  3. JavaScript (JS): kuni loojikii weebsaayitichaa ijaara, akkasumaas wantoota akka button cuqaasuufi wantoota jijjiiruu danda'uuf gargaara.

Frontend development Frameworkiidhan JavaScript kannen akka React, Vue.js, fi Angular fayyadamun Fuulduree walxaxaa haala salphaan ijaaruuf gargaru.

The Backend: dudduubee weebsaayitaa:

Duubaan deetaa, nageenya, fi loojikii weebsaayitichaa ijaara, akkasuma inni kuni weebsaayitichi akka hojii daldalaa fa'a irratti gaggeeffamuuf bu'uura taha, Afaanonni beekamoo kannen akka armaan gadii jiru:

  • Node.js (JavaScript)
  • Python (Django, Flask)
  • Ruby (Ruby on Rails)
  • Java (Spring)
  • PHP (Laravel)

Databases: Kuusaawwan Deetaa

Deetaa weebsaayitichaa kuusuuf, too'achuufi deebisuu barbaachisa, kuusaawwan deetaa gurguddoo lama jiru:

  • Relational Databases (SQL): Deetaa sirna qabatanii kuusu (e.g., MySQL, PostgreSQL, SQLite). Deetaa walitti hidhata(relational) qabuuf oola.
  • NoSQL Databases: Deetaa sirna hin qabne kuusu (e.g., MongoDB, Cassandra). Deetaa walitti hidhata hin qabneef oola.

Jalqabuf

HTML, CSS, fi JavaScript irraa jalqabi, sana booda unkaa akka React baradhu,, itti aansuudhaan bu'uuraalee duubaa fi kuus-deetaa. Pirojektoota xixiqqoo shaakaluudhaaf ijaaruu eegalta, — barnoonni asitti siif kenninu, Full-Stack Web developmentiin kanneen hunda si barssisa. Happy coding!

Comments (2)

CodingGuru

August 16, 2025

Great overview! Very helpful for newcomers.

WebNovice

August 17, 2025

Thanks for breaking it down. What framework would you recommend for a first project?

Leave a Comment